Qabeenya uumamaa qabnutti fayyadamuun pirojektiiwwan gurguddoon bara darbe hojjetaman jijjiirama ariifataa Itooophiyaan galmeessaa jirtu akka mirkaneessaa jiru Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.
Mootummaan bara 2017 Mootummaan waggootaaf qorannoo irratti adeemsisaa kan ture diinagdee gooroo fooyyessuufi qabeenya uumamaatti sirnaan fayyadamuun olka’iinsa biyyaa bara itti mirkaneessedha jedhaniiru.
Gufuuwwan dinagdee Itoophiyaa rakkisaa turan mootummaan jijjiiramaa sirreessuun hojii misoomaa faayinaansitiin utubuun guddina saffisaa imala badhaadhinaa mirkaneessu hojjetamaa akka jiruus ibsaniiru.
Qabeenya uumamaatti fayyadamuun hojii qonnaa jalliisiin misoomsuun hirkattummaa roobaa jalaa baasuun dinagdee ariifachiisaan galmaa’aa akka jirus dubbataniiru. Qabeenya albudaafi gama tuurizimiitiin hojjetamees bal’aa akka ta’e kaasaniiru.
Shuumii Badhaasootiin