Qaphixiiwwan Ijoo Ibsa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Hojii Qonnaa Bonaa fi kan biroo ilaalchisee kenne:-

You are currently viewing Qaphixiiwwan Ijoo Ibsa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Hojii Qonnaa Bonaa fi kan biroo ilaalchisee kenne:-

AMN PLUS – Amajjii 09/2017

 Bara bajataa kana hojii jallissii boneetiin oomisha guddisuurratti hojiilee gurguddoon hojjetamaa jira,

Hanga baatii jalqaaba Amajjiitti lafa hektaarta miliyoona 20.5 sanyiin uwwifamerraa heekaara 18.3 irraa midhaan sassabameera, haaluma kanaan midhaan kuntaala miliyoona 420.2 ol sassabameera,

 Bara bajataa kana lafa hektaara miliyoona 4.7 qopheeffame irratti qamadii bonee jallisiidhaan misoomsuun oomisha kuntaala 174.9 sassabuuf karorfamee hojjetamaa jira;

 Hanga ammaatti karaa aadaatiin lafti hektaara miliyoona 2.7 kan qophaa’ee yoo ta’u tiraakteeraan immoo lafa heektaara kuma 735 fi 606 akka walii galaatti heektaara miliyoona 3.4 kan qophaa’ee yoo ta’u heektaarri miliyoona 3.1 sanyiidhaaan uwwifamee jira,

 Akka walii galaatti oomisha gannaa dabalatee Itoophiyaan nyaataan of danda’uuf carraaqqii taasisaa jirtu dhugoomsuuf kan gargaaru hojii jallisii cimsuuf hidhaaleen gurguddoo ijaaramaa jiru. Hidhaaleen kunneen fedhii bishaan qulqulluu hawaasaaf dhiyeessuufis gahee waan qabaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira,

 Kutaa biyyattii adda addaa keessatti hojiin maaddii guutuu dabalatee qonna magaalaa, horsiisa lukkuu, buuphaa/hanqaaquu/killee fi kkf dabalatee bal’inaan xiyyeefannoo guddadhaan hojjetamaa jira,

 Daandii naannolee biyyatti adda addaa keessatti eegalaman dabalatee pirokektoonni saffisaan akka xumuraman hojiin waliirra hin cinnee hojjetamaa jira

 Waggoota lamaan dhufan keessatti Itoophiyaa deeggarsaa fi eegdummaa irraa bilisa baasuuf hojiin maatii giddu-galeeffate hojjetamaa jira,

 Hojiin Misooma kooridarii Magaalaa Finfinneeti eegale kutaa biyyatti hundaatti gaggeeffamaa jiru gama tuuriizimiitiin bu’aa argamuu qabu dhiyeessaa jiraachuu tajaajilichi ibsa har’a kenne keessatti addeesseera.

Tolasaa Mabraatee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply