UNDP’n Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu beeksise

You are currently viewing UNDP’n Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu beeksise

Sagantaan Misoomaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) adeemsa ijaarsa nageenyaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu Itti Gaafatamaan Dhaabbatichaa Aachii Shitaaynar himaniiru

Yaa’ii waliigalaa 78ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti taa’amaa jiru cinaatti Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirii Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin Ittigaafatamicha waliin taasisaniiru.

Marii isaaninis Aachii Shitaaynar akka himanitti UNDP’n haalota kamuu keessattii tumsaa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa ta’uu himaniiru

Sagantaa deebisanii ijaaruu fi dandamachiisuutti dabalataan adeemsa imala guddinaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf deeggarsa akka taasisan himaniiru.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin UNDP’n hanga ammaatti deeggarsa taasise dinqisiifachuun mootummaa fi dhaabbilee tumsitoota misoomaa gidduu tattaaffii qindaa’aan akka taasifamu gaafataniiru.

Sagantaalee misoomaa biroorrattisa marii taasisuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review