Iraan Israa’el waliin wal-waraansa erga eegalte umrii torbee lamaaf deemaa jira.
Waraanichaan gama lamaanu qabeenyi manca’eera lubbuunis darbeera.
Kanaan wal-qabatee qondaaltootni waraanaa Iraan, Israa’el ajjeesera jechuun itti dhaadachaa turte sadii ayyaana injifannoo Iraan guyyoota 12 lammiileen biyyatti kabajan irratti argamuu miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaniiru.
Niwuu Yoorki Taayimis dabalatee qondaaltootni waraanaa Iraan loltoota Israa’eliin ajjeeffamu ijoo dubbii taasifachuun gabaasaa kan turan yoo tahu dubbichi soba tahu maddeen garaagaraa gabaasaniiru.
Haata’uti qondaaltootni waraanaa Iraan oduun kun hundi erga gabaafame ayyaana injifannoo biyyattii irratti argamuun lammiilee Iraan waliin kabaju trt world dabalatee maddeen oduu idil addunyaa gabaasaniiru.
Keessattu qondaaltoota biyyatti ajjeefaman jedhaman keessaa tokko kan tahan hoogganaan olaanaa tika odeeffannoo Iraan karaa foddaa tv argamuun ani jira,gara fuulduraattis biyya koof haarsaa barbaadamu kaffaluuf qophiidha jechuun dubbachuu isaanii Ciltra News Gabaasera.
Iddoosaa Abdiitiin