Konfiraansiin jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa kan Itoophiyaan irratti hirmaattu Azarbaajaan keessatti gaggeeffamuu eegale

AMN – Sadaasa 2/2017

Konfiraansiin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP 29) kan Itoophiyaan irratti hirmaattu magaalaa guddoo Azarbaajaan Baakuutti gaggeeffamuu eegaleera.

Konfiraansiin kun gaasiiwwan faalamanii gadi lakkifaman hir’isuu, jijjiirama qilleensaa foyyeesuu fi humnaa faayinaansii itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti xiyyeeffatee mari’atama jedhamee eegama.

Konfiraansiin COP29 baranaa dhaadannoo mata duree “Together for a Green Earth” Waliin Lafa Magariisaa ta’eef jedhuun gaggeeffamaa jira.

Itoophiyaan konfiraansii kanarratti hirmaachaa kan jirtu yoo ta’u, eegumsa haala qilleensaa keessatti gumaacha gooteef deeggarsaa argachuuf akka itti fayyadamtu ni eegama.

Inishiyeetiivii Misooma Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan jalqabdee, keessattuu hojiin qonnaa, ikootuurizimii fi humna haaromfamuu danda’u irratti hojjetamaa jiru haala qilleensaa itti fufiinsa qabu fiduuf gumaacha guddaa taasisaa jiraachuun ni yaadatama.

Haala kanaan Itoophiyaan uwwisa bosona lafa, bosona cirame irra deebiin misoomsuu fi itti fayyadama lafaa itti fufiinsa qabuuf kutannoo qabdu konfiraansii kanarratti akka muuxannootti ni dhiyaata.

Haala kanaan Itoophiyaa uwwisa bosona lafa bosona cirame irra deebiin misoomsuu fi itti fayyadama lafaa itti fufiinsa qabuuf kutannoo qabdu konfiraansii kanarratti akka muuxannootti ni dhiyaata.

Ajandaan kun madda dhiyeessii anniisaa, misooma dhala namaa, wabii nyaataa fi heddummina lubbu qabeeyyii irratti kan xiyyeeffate ta’uu isaa odeeffannoon Tajaajila Oduu Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

May be an image of text

All reactions:

45You and 44 others

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply