AMN PLUS_Guraandhala 25_2017
Morkii moo’anii darbuu waancaa Shaampiyoonsi liigii Awuroopoaa har’a galgala irraa eegala.Morkii 8 keessa galuuf taasifamu kuni kilaboota Magaalaa tokkoo Riyaal Maadiridii fi Atileetikoo Maadirid kan walitti fide yoo ta’u,taphni marsaa jalqabaa har’a beernaabotti gaggeeffamu hawwiin eegama.Bara kana waancaa Laaligaa Ispeen kan wal harkatti qabaa jiran kilaboonni lamaan akka hiree ta’ee waancaa Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa milkeessufis tokkoon isaanii wal injifatanii marsaa itti aanutti darbuu qabu.

Kilaboonni lamaan morkii moo’anii darbuu Waancaa kanaaf darbuuf taasifamuun marsaa 9 yoo walitti dhufan bara 2016 ammoo waancaaf waliin gahanii Shaampiyoonaan marsaa 15 Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa Riyaal Maadirid galchii seena qabeetti Sarjiyoo Raamosiin deeggaramanii injifachuun isaanii ni yaadatama.
Morkii eegamaa kana kan taphachiisan abbaa murtee lammii Faransaayi Kileemanti Turpiinidha.Guyyuma har’aan Arsinaal PSV Indoovan waliin ,Borishiyaa Doortimand fi Liil,Kilab Biraagaa fi Astonviilaan morkiin gaggeessan murteessadha.Taphoonni kunneen halkan sa’aatii 4:45 irraa eegalanii Staadiyeemota garaagaraatti taasifamu.
Misikkir Alamaayyootiin