Riyaal Maadiridiifi Arsenaal har’a morkattoota isaanii yoo injifatan nuusa xumuraan walitti dhufu.

You are currently viewing Riyaal Maadiridiifi Arsenaal har’a morkattoota isaanii yoo injifatan nuusa xumuraan walitti dhufu.

AMN PLUS_Bitootessa 03_2017

Tapha marsaa duraa morkattoota isaanii kan injifatan Riyaal Maadiridii fi Arsenaal har’a galgala tapha deebii taphatu.

Kilaboonni lamaan morkii edanaa kana irra aananinii marsaa itti aanutti kan darban yoo ta’e,tapha moo’anii darbuu nuusa xumuraa waliin falmatu.

Shaampiyoonaan marsaa 15 shaampiyoonsiliigii Awurooppaa Riyaal Maadirid marsaa duraan 2 fi 1 Atileetikoo Maadirid injifachuun isaa ni yaadatama.

Tapha deebii har’a galgala Riyaad Ayer Meetiroopoolitaanoo irratti gaggeeffamu kana Riyaal Maadirid kan injifatu yoo ta’ee fi Marsaa duraan dirreen ala PSV’tti galchii 7 roobsee kan deebi’e Arsenaal injifannoo isaa kana kan eegsisu yoo ta’e,kilaboonni lamaan walitti dhufu.

Ammuma irraa marsaa itti aanutti darbuu waan mirkaneeffate kan fakkaatu Arsenaal miila fageeffachuuf,kilaboota magaalaa Maadirid lamaan keessaa kan isa bira gahan bira darbuus isa gaafata.

Morkii kilaboota lamaanii har’a galgala sa’aatii shan irraa kaasee gaggeeffama.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply