Shira diinotaa cabsuun tokkummaan dhaabbachuu dandeenyeerra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan.
Obbo Araggaa Kabbadaan hiriira deeggarsaa eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun magaalaa Bahir Daaritti gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, har’a biyyi keenyi Itiyoophiyaan boqonnaa misoomaa irratti argamti jedhan.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee dandeettiifi qabeenya isheen qormaatilee dandamachuun haala Afrikaaf fakkeenya ta’uun xumuruu kaasaniiru.
Akkuma abbootiin keenya Adwaa milkeessan Hidhi Haaromsaas Adwaa 2ffaa bara kanaati jedhan.
Shira diinotaa cabsuun tokkummaan dhaabbachuu dandeenyeerra jechuu isaanii TOI’n gabaaseera.