
AMN – Onkololeessa 29/2017
Sirni daldalaa kanfaltii simintoo karaa dijitaalaan akka raawwatamu kallattiin kan kaa’ame ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo beeksise.
Ministirri daldalaa fi hariiroo naannoo Kaasaahuun Goofee (Dr.) haalaa dhiyeessii fi fedhii oomishaalee simintoo walsimsiisuun danda’amu irratti oomishtoota simintoo waliin mari’ataniiru.
Diinagdee Itoophiyaa saffisaan guddachaa jiru keessatti qoodni damee indastirii ijaarsaa guddachaa akka jiru ministirichi ibsaniiru.
Akkaataa Sirna daldalaa kaffaltii maallaqaa irraa guutummaatti walaba ta’uu fi sirna kaffaltii dijitaalaatiin akka raawwatamu kallattiin kan kaa’ame ta’uu odeeffannoon marssaa hawaasaa ministeericharraa argamee ni mul’isa.