Talaalliin dhibee Tiruu sadarkaa biyyaatti daa’immaniif kennamuu eegale

You are currently viewing Talaalliin dhibee Tiruu sadarkaa biyyaatti daa’immaniif kennamuu eegale

‎AMN PLUS-Sadaasa 16/2018

‎Dhibee tiruu lubbuu daa’immaniifi haadholii galaafatu dursanii ittisuuf talaalliin daa’immaniif sadarkaa biyyaatti akka kennamu Deetaan Ministira Ministeera Fayyaa Dooktor Darajjee Dhugumaa ibsan.

‎Talaalliin dhibee Tiruu daa’imman dhalatanii sa’aatii 24 keessatti akka kennamuuf qophiin gahaan taasifamuu isaas ibsaniiru.

‎Qorannoo yeroo gara garaatti adeemsifameen dhibeen Tiruu qormaata cimaa ta’aa akka dhufe kan himan, Hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dooktor Yohaannis Caalaa rakkoo kana ittisuuf magaalatti keessatti talaalliin kun akka kennamuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.

‎Sagantaan talaallii dhibee tiruu daa’immanii kun Magaalaa Finfinnee dabalatee sadarkaa biyyaatti dhaabbilee yaala fayyaa Mootummaafi dhuunfaa filataman keessatti akka kennamuus ibsameera.

‎Yaala talaallii dhibee Tiruu daa’immanii kunis bakka Deetaan Ministira Ministeera Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa, Hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa akkasumas Hoggantoonni Olaanoofi jiraattonni Magaalaa Finfinnee argamanitti Hospitaala Abbabeech Goobanaatti ifatti eegaleera.

‎ Geetaahun Kataamaatuu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply