Ministirri Muummee UK duraanii Sar Toonii Bileer waraanni Israa’eeliifi Haamaas jidduutti taasifamaa jiru yoo xumuramu yeroodhaaf Gaazaa bulchuu akka barbaadan ibsaniiru.
Toonii Bileer Bulchiinsa Pirezidaantii Tiraamp deggeruuf kana taasisuu isaanii beeksisaniiru.
Ministirri Muummee duraanii kun Bulchiinsa Paalastaayinitti aangoo dabarsanii kennuu dura haala bulchiinsaafi adeemsa nagaa waaressuuf bulchaa Gaazaa ta’uuf fedhii guutuu qaban ibsaniiru.
Inistitiyuutii Toonii Bileeriin kan dhiyaate yoo ta’u michuun Tiraamp kun soddaa isaanii Jaared Kushinar, Gorsaa Giddu Galeessa Bahaa duraaniifi Istiiv Wiitkoof ergama addaa Ameerikaa Giddu Galeessa Bahaatiin yaadni kun dhiyaachuu ibsameera.
Akkaataa Abbaa Taayitaa Cehumsa Idil-addunyaa Gaazaatti (GITA) biyyoota Galfiin hundeeffame kanaatti bulchiinsi yeroo Sar Toonii Bileeriin gaggeeffamuun kun waggaa 5’f kan turu yoo ta’u, miseensota kaabinee 25 fi Boordii 7 qabaata.
Gama biraatiin, Pirezidaantiin Paalastaayin Maahmuud Abbaas karoorri nagaa Israa’eliifi Paalastaayin akka hojiirra ooluuf anga’oota biyyoota addunyaa wajjin hojjachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Karoora nagaa Pirezidaantii Faransaayiin dhiyaate hojiirra oolchuuf fedhii qaban ibsuun Gaazaa Bulchiinsa yerootiin bulchuuf wixinee dhiyaate kan hin simanne ta’uu beeksisaniiru.
Haleellaa Israa’eliin kan balaaleffatan pireezidaantichi, haleellaa ALAtti bara 2023 Hamaas lammiilee Israa’el irratti bane ammoo ni haalu.
Israa’elis yaada gama Toonii Bileeriin dhiyaate hin simanne, naannichi hamma Hamaas irraa walaba ta’uufi nageenyi lammiilee ishee mirkanaa’utti tarkaanfii fudhachuu akka itti fuftu beeksisaa jirti.
Garee G-7 jedhamanii dabalatee biyyoonni 157 ol Paalastaayiniif beekamtii haa kennan malee, haala hojiirra oolmaa isaafi yaada haaraa gama Ameerikaan dhiyaatu kana irratti waan mari’atame jiraachuu dhabuu isaa BBC fi Daily Mail gabaasaniiru.
Hamaas filannoo bara 2006 haa injifatu malee, beekamtii idil-addunyaa waan hin arganneef Paalastaayin bulchuuf carraa hin arganne.
Malkaamuu Abbabaatiin