Uummata keenya amanamummaan tajaajiluuf waadaa galle, tokko lamaan raawwachaa jirra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Uummata keenya amanamummaan tajaajiluuf waadaa galle, tokko lamaan raawwachaa jirra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 15/2018

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Misooma Koriidarii Saarbeeti-Addabaabaayii Jarmanii-Gaarmantii Furiitti fulla’u eebbifamee tajaajilaaf banaa tahuu ibsaniiru.

‎Sirna eebbaa irratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) fi miseensotni Koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa argamuu beeksisaniiru.

‎Kantiibaa Adaanach “Waaqa nu gargaareef galatni haa ta’u” jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti kan ergaa dabarsan yoo tahu, uummata amanamummaafi qajeelummaan waadaa seenaniif tokko lama jedhanii tajaajilaa jiraachuullee ibsaniiru.

‎Bu’uuraaleen Misoomaa hojjataman jiraattota magaalaaf mijachuurra darbee magaalaan Finfinnee Sadarkaa Idil addunyaatti akka dorgomtu taasisuu ibsaniiru.

‎Dabalataanis, carraa hojii kan lammiileef uumaniifi misooma waaraa mirkaneessuuf kan oolan tahuu kaasaniiru.

‎Kana irra darbees, magaalaa Ismaartii taasisuuf galma qabame milkeessuuf hojiin hojjatamu bu’uura tahuu kaasuun tuurizimiif galtee dabalataa tahuu irra darbee qulqullinaafi miidhagina Giddu gala godhachuun hojjatamuus ibsaniiru.

‎Koriidariin eebbifame kun marsaa 2ffaa kan jalqabame keessaa isa 6ffaa yoo tahu, Koriidarii Kaazaanchisitti aanee Isa dheeraafi bal’ina qabu, Lafa Heektaara 589 irratti kan misoome tahuu kaasaniiru.

‎Daandii Aspaaltii, daandii miilaa, Pilaazaawwan, Giddu gala Ispoortii, bakka tapha ijoollee, misooma qarqara laggeenii, dhaabbii konkolaataa, tarminaala, mana dhiqannaa, kaaffeefi resturaantii akkasumas tajaajiloota biroo akka qabu ibsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanach, qaamolee milkaa’ina hojii kanaaf gumaachaniifi hawaasa Naannoo deggersa taasise hundumaa galateeffataniiru

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply