AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
Itoophiyaan Waggoottan 10 dhufan keessatti Afrikaa irraa diinagdeen 1ffaa akka taatu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) marii anga’oota ammaafi buleeyyii wajjin Baalee Soof Umaritti taasisan irratti ibsaniiru.
Dhalootni waan ifaajamuufii qabu irratti yoo dhama’eefi bu’aa qabatamaa argamsiise, waggoottan 6’n dhufan keessatti Itoophiyaan dinagdeedhaan Afrikaa irraa 2ffaa akka taatus akkasuma yaada qaban kaasaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, yeroo haala jireenyaa uummataa argan, “Galata Waaqayyoo” jechaa turuu kaasuun, leecalloo kuufamaa Baalee keessatti argamu garuu, erga ijaan ilaalanii booda, “Osoo kana hundaa qabnuu, nuti hin hojjanne. Waan taheef, dhiifama nuuf godhi” jechuun akka Waaqa dhiifama gaafatan ibsaniiru.
”Qabeenyi akkasumaan nuuf kenname kun akka nu irraa hin fudhatamne jabaannee hojjachuu qabna” kan jedhan Ministirri Muummee, galma ga’iinsa badhaadhinaafi jireenya qananii dhaloota egereef ammumaa eegalanii hojjachuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin