AMN- Sadaasa 6/2017
Komishiniin mariin biyyaleessaa bakka bu’oota yuunivaarsitwwan mootummaa 51 Fi yuunivaarsitwwan dhuunfaa 5 irra kan waliitti dhufan hayyoota 1200 ol waliin sadarkaan marii biyyaleessa irra jiru fi xiyyeeffannoo fulduree irratti mari’ateera.
Waltajii mariin kanaa irratti komishineera olaanaa Komishinii Marii Biyyaalleessa Piroofeeser Masfiin Ara’ayaa dabalatee pirezidantoota fi hayyoota yuunivaarsitiwwan akkasumas bakka bu’oota barattoota yuunivaarsitiiwwani kanneen fi qoodni fudhattooni biroon irrati hirmaataniru.
Haala qabatama biyyaatti keessa jirtu fi aadaa siyaasa biyyaattin qabdu karaa mariin akka furamuuf nagaa warraa fiduu fi guddina hawaasa dinagdee itti fufinsa fiduuf marii biyyaleessa hirmaachisa ta’en gaggeeffamu murteessa ta’u komishineera olaanaa komishinchaa himaniru.
Kaayyoon mariin biyyaaleessaa walii galtee biyyaalleessa uumuu, wal-amanta hawaasa gidduu jiru uumuufi aadaa siyaasa biyyaatti mariin akka furamuuf qooda fudhattoota garagara waliin mari’achuun hariiroo obbolummaa cimsuu fi guddina hawaasa dinagdee biyyaalleessa milkeessuuf hojjetama jiraachuus eeraniru.
Madda beekumsaan kan ta’an hayyoonni yuunivaarsitwwan qooda guddaa kan qaban waan ta’ef milkaa’ina kanaaf marii biyyaalleessa keessatti hirmaachuun, leenjii kennuufi ajandaa bocuun gumaachaa isaani cimsaanni akka itti fufan ibsamera.
Dirribaa Yaadataa