Zeleniskiin hooggantoota Awurooppaa waliin mari’achuuf Barliin seenan

You are currently viewing Zeleniskiin hooggantoota Awurooppaa waliin mari’achuuf Barliin seenan

‎AMN PLUS- Hagayya 7/2017

‎Waamicha hooggantoota Awurooppaa hordofuun pireezdaantiin Yuukireen Volodyirmiir Zeleniskiin har’a Barliin seenaniiru.

‎Zeleniskii walgahii Ameerikaa fi Raashiyaa Jimaata dhufu gaggeeffamuuf beellamame dursaniiti Barliin kan galan.

‎Muummichi ministeeraa Biriteen Keeyir Istaatarmar fi hoggantoonni Awurooppaa biroon pireezidaant Tiraamp fi Vilaadmiir Puutiin wal argee Jimaata dhufu gaggeessuuf jiran irratti murtee Yuukireeniin hin hirmaachisne irra gahuu hin qaban jechuun ejjennoo qabataniiru.

‎Yaa’ii kana dura Barliin kan gahan Pirezidaantiin Yuukireen Zelenskii, gara Barliinitti balali’uu isaanii dura, nagaaf jecha dhiibbaan Raashiyaa irratti godhamuu akka qabu dubbataniiru.

‎Pireezidaant Traamp torban darbe keessa adeemsi kennanii fudhachuu biyyoota lamaan fayyadu jiraachuu danda’a jedhanii turan.

‎Akka BBC’n gabaasetti lafti Yuukireen dhibbantaa 20 yeroo ammaa to’annoo Raashiyaa jala jira.

‎Hooggantoonni Awurooppaa fi pireezidaant Zelenskii, preezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin viidiyoo konfiraansiidhaan haala Yuukireen irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

‎Madda: BBC

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply