Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti Paarkii akka ilma tokkichaa ta’e- Paarkii Biyyaalessaa Sulula Gibee.
Xiyyeeffannoo damee Turizimiif kennameen sababeeffachuun iddoowwwa hawwaataa turistii naannoo Gidduu galeessaa Itoophiyaatti argaman misoomsuuf beeksisuuf hojjetamaa jira.
Iddoowwwa Hawwataa Turistii ta’uu danda’an keessaas tokko paarkii biyyaalessa Sulula Gibeeti
Itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Sulula Gibeeobbo Masfin Takkaa tuuta miidiyaa ayyaana saboota sablammoota yeroo 20ffaa Naannichaatti Kabajamuu sababeeffachuun paarkichi daawwataniif ibsa lataniiru.
Paarkichi waggaa 15 dura lafa heektara 360 irratti kan hundaa’e yoo ta’uu naannichaa paarkii kanaan ala ka biroo waan hin qabneef akka ilma tokkichaati jedhan.
Haalli teessumaa lafa paarkichaa, dhiyeenyi inni Magaalaa Finfinnee, Walqixxee fi Jimmaa irraa qabu daawwannaaf mijaataa ta’uu obbo Masfin ibsaniiru.
Laggeen 12 bonaa fi gannaa yaa’an kan of keessaa qabu ta’uu kaasaanii paarkiichi qabiyyeenis paarkoota Itoophiyaa keessaa sadarkaa 5ffaarratti kan argamuu ta’uu ibsaniiru.
Sanyii bineensota hosiistoota 20, simbiroota akaakuu 150 kan of keessaa qabu, kana keessa afur Warreen Itoophiyaa qofaatti argaman ta’uus obbo Masfin Tuuta Miidiyaalee kanaaf ibsaniiru.
Yaa’iinsi turistoota biyya keessaa fi alaa gara paarkichaatti taasifamuu waggaa waggaan foyyee yoo qabates sababa hanqina bu’uuraalee misoomaan hanga barbaadame daawwatamaa jira jechuun hin danda’amuu jedhaniiru
Paarkicha misoomsuuf qorannoon dhaabbilee barnoota olaanoo gara garaaa waliin taasifamuu himaniiru.
Mangashaa Daargeetu Gabaase