Gabaan kaappitaalaa Itoophiyaa sirna faayinaansii biyyattii sirreessuu keessatti gahee olaanaa qaba- Ahimad Shidee

You are currently viewing Gabaan kaappitaalaa Itoophiyaa sirna faayinaansii biyyattii sirreessuu keessatti gahee olaanaa qaba- Ahimad Shidee

‎AMN PLUS-Sadaasa 23/2018

‎Gabaan kaappitaalaa Itoophiyaa sirna faayinaansii biyyattii sirreessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsan.

‎Yaa’iin gabaa kaappitaalaa naannichaa 2ffaan Magaalaa Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti adeemsifamaa Jira.

‎Itoophiyaan riifoormii diinagdee goorootiin bu’aa qabatamaa damee hundaan galmeessaa akka jirtu Obbo Ahimad Shidee dubbataniiru.

‎Riifoormii diinagdee gooroo hordofuun waggoota muraasa darban keessatti galiin biyya keessaa haalaan dabaluu kan ibsan Obbo Ahimad, riifoormichi guutummaatti hojiirra yoo oole guddina hunda hammate mirkaneessuuf kallatti qabachuu isaas ibsaniiru.

‎Obbo Ahimad, “Itoophiyaatti haala faayinaansii amanamaa, dhugaa fi mijataa uumuun dhaabbilee gidduutti tumsi cimaan akka uumamu taasisuun barbaachisaadha” jedhaniiru.

‎Dabalataan, damee faayinaansii Itoophiyaa guddisuu fi dhaabbilee faayinaansii addunyaa waliin wal simsiisuuf sirni gabaa kaappitaalaa sirnaan qindaa’uu akka qabu himaniiru.

‎Haalli kun ammoo carraa invastimantii biyya alaa hawwachuu fi invastaroota kan amansiisu ta’uu ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply