Sagantaan cufiinsa kabaja guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa Itoophiyaa 20ffaan Sadarkaa Naannoo Amaaraatti Magaalaa Dabra Birhaanitti adeemsifamaa Jira.
Sagantaan cufinsaa Kunis mata duree “Waliigaltee Diimookiraasii Tokkummaa Sab-daneessaaf” jedhuun adeemsifamaa Jira.
Sagantaa cufiinsaa Kana irratti Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyaw Tashaagar, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, Af-Yaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Faantuu Tasfaayeefi Af-Yaa’iiwwan naannolee biroo akkasumas hoggantoonni olaanoon Federaalaa fi Naannoo irratti argamuu isaanii TOI’tu gabaase.