AMN PLUS- Sadaasa 24/2018
Bakka maluuf keessaa qooda dhabanii Gadaan isaanii xiyyeeffannoo dhabuu Roobaa Jiloo Luba Gadaa Dullachaa Karrayyuu AMN PLUS Roga Dubbiitti himan.
”Gadaan isaa akkuma Gadaa Oromoo biraa bakka argachuun wal nuuf qixxaatu barbaanna” jedhan. Giddugala Aadaa Oromoo keessaalee Abbaan Gadaa Karrayyuu Waajjira akka hin qabne eeruun.

”Karayyuun daangaa hin cabsu, Laga hin cabsu, nama hin miidhu” kan jedhan Roobaa Jiloo, wal- dhabdee mudatus iccitiidhaan Gadaa keessatti ilaalee akka furu dubbataniiru.
Karrayyuu keessatti Sirni Gadaa laafee akka hin beekne kaasuun, seenaa keessattis maqaa lafaatiin moggaasni namaa kan walitti dhufu Karrayyuu qofa keessatti ta’uu ibsaniiru.
”Maqaa lafaa, mukaa, Gadaa, maqaa keenyaan walitti hirkifnee daba nutti dhufu ittiin ofii fi biyya keenya falmina ” jedhan.

”Gadaan bakka tokko tokkotti huuqqatee jira” kan jedhan Roobaa Jiloo, uummatni Oromoo, “Dabballee irraa kaasee guutummaa guutuutti tartiiba Gadaa bakkatti deebisuu qaba” jechuun dubbataniiru.
”Gadaan ilmoo rabbiiti, dhugaadha” jedhanii, Oromoon hundi kan wallaalee irraa alatti harkifatus ta’e, kan beekee itti siqes Gadaa gabbisuu qaba” jedhani
Akkuma “waan argan nyaatu malee waan argan hin dubbatan” jedhamu Karrayyuun iccitii walii qabatu jedhani Fantaallee Hawaas Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.

Seenaa keessatti maqaan sanyii maatii ofii akka hin banneef maqaan waliin naanna’a, maquma akaakkayuutiin ilmi akka moggaafamu himaniiru.
”Maqaa ilma angafaa akaakayyuu Karaa abbaatti akka moggaasan himanii, maqaa mucaa lammaffaa amma akaakayyuu Karaa haadhaatti moggaasu” jedhan Fantaallee Hawaas Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.
”Gadaa jechuun nagaadha, sirni keessatti raawwatamus karaa nagaan ta’a” jechuun, bara kanas sirna buttaa qaluuf Godaanuuf akka jiran himaniiru.
Baatii 4 ffaa keessa godaansa warra baasuuf qophii irra akka jiran ibsaniiru.
Sirna sana keessatti namootni hirmaachuu qaban aadaadhumaan adda kan baafaman ta’uu kaasanii, namoota gumaata gara godaansaatti geessaniifis uffannaan kan kennamuuf ta’uu kaasaniiru .

Gadaan Diimookiraasii, akkuma cidhaatti eebbaafi gamnachuudhaan aangoon dabarfamee wal harkaa sina itti fuudhamu ta’uu dubbatanii.
Guyyaa godaansa Gadaa isaanii kanattis mootummaanis ta’e, uummatni Oromoo biyya keessaafi alaa tumsa adda addaa akka taasisuuf turtii AMN PLUS Qophii Roga Dubbii waliin taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin