Egereen keenya harka keenyarra jira, dargaggoon carraa qabu hundatti fayyadamuu qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Egereen keenya harka keenyarra jira, dargaggoon carraa qabu hundatti fayyadamuu qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Sadaasa 24/2018

Aadaa hojii dadhabaa barootaaf ture jijjiiruun sa’atii 24, guyyaa 7 hojjennee Finfinneefi Itoophiyaa jijjiiraa jirra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebe.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sosochii aduu tokkoon carraa hojii kuma 30 uumuu Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsiseera.

Kantiibaa Adaanech waltajjicha irratti haasaa taasisaniin, bulchiinsi magaalichaa lammiileen leenjii yeroo gabaabaan ga’oomanii carraa hojii hatattamaan akka argatan hojiin hojjetame bu’aa argamsiisaa akka jiru eeran.

“Egereen keenya harka keenyarra jira” kan jedhan Aadde Adaanech, baroota dheeraaf hojii filachuufi tuffachuun guddina barbaadamurra osoo hin ga’in hafuun keenya hinaaffaa keessa nu galchuu qaba jedhaniiru.

Dhalootni har’a ijaarru rakkoof kan harka kennu osoo hin taane, rakkoof furmaata akka ta’uuf qopheessaa jirra jedhaniiru.

Lammiileen carraa hojii argattan, misooma biyyaa keessatti ashaaraa isaanii akka kaa’an abdiin qaban ibsaniiru.

Carraa hojii argachuun galma xumuraa miti kan jedhan Aadde Adaanech qormaatilee addunyaa hojii keessatti isin mudataniif harka osoo hin laatin mul’ata keessan akka milkeessitan tattaafachuu qabdu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tagany Bafiqaaduutu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply