Dhaabbatni Misooma Biyyoota Baha Afriikaafi Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Nageenya Naannawa Gaanfa Afriikaa mirkaneessuuf haala waliin hojjachuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Barreessaan Olaanaa IGAD Warqinaa Gabayyoo (PhD) fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii UN’tti Ergamaan Addaa Gaafa Afrikaa Guwaang Koong Waajjira IGAD Finfinneetti argamutti waliin mari’ataniiru.
Dhaabbileen lamaan haala itti nageenya, tasgabbii akkasumas dhimmoota namoomaa dursa argachuu danda’anirratti tumsa isaanii cimsuuf waliin mari’ataniiru.
IGAD, Gamtaan Afrikaa (AU) fi UN biyyoota naannawa IGAD’tti nageenya waaraa mirkaneessuuf akka tokkumaafi ifaan waliin hojjatan murannoo qaban mul’isaniiru.
Madda: Sekireetariyaatii IGAD