Finfinneetti kenniinsa tajaajilaan jijjiirama fiduuf hojjataa jirra-Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneetti kenniinsa tajaajilaan jijjiirama fiduuf hojjataa jirra-Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS-Sadaasa 26/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee “Magaalaa Finfinneetti kenniinsa tajaajilaanis akkuma hojiilee misoomaa biroo jijjiirama fiduuf hojjataa jirra” jedhan.

Sirna dijitaalaa Galmee Siiviliifi kenniinsa tajaajila jiraattotaa daran ammayeessu har’a eegalchiisuu ibsaniiru.

Sirni dijitaalaa haaraan abbootiin dhimmaa bilbila harka isaaniin, filannoowwan teekinooloojii garaa garaa fayyadamuun bakkuma jiran irraa tajaajila akka argatan taasisuu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Tajaajiloota akka Immigireeshinii, fayyaa, mana murtii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa, fi kanneen biroo osoo unka guutuun isaan irraa hin eegamin, qindoomina dhaabbilee jidduu jiruun sirna dijitaalaa diriireen akka argachuu danda’an eeraniiru.

Sirni dijitaalaa “Civil Registration and Vital Statistics with ID” jedhamu kun tajaajiloota kanaan dura waraqaadhaan kennamaa turan akka hambisu kaasaniiru.

Sirni kun dadhabbiifi hojimaata badaa hambisuun iftoomina mirkaneessuun galma si’aa’inaafi qulqullinaan hojjachuun bu’a qabeessa ta’uu akka milkeessu ibsaniiru.

Sirna dijitaalaa kana misoomsuun hojiitti akka seenu gumaacha olaanaa kan taasisan, Daayirektara Olaanaa Inistitiyuutii Arifishaal Intelijensii Injinar Warquu Gaachanaa (PhD), Ejensii Galmeessa Siivilii fi ogeessota hirmaatan hundumaa galateeffataniiru.

Kantiibaa Adaanech, teekinooloojiin kaameraa suur-sagaleefi sagalee fudhachuun to’annoo taasisu uffata dambii ogeeyyii sassaabbii naga’ee galii irratti akka kaa’amu guyyoota muraasa dura jalqabsiisuu yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply