Ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabaleen kan barreeffame Kitaabni ‘Ogummaa Farra Riphee Lolaa’ jedhu eebbifameera.
Qondaaltoota waraanaa Itiyoophiyaa keessatti muuxannoo olaanaa kan horatan, Ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabaleen, muuxannoo waraanaa cimaa qabanirratti hundaa’uun har’a Kitaaba ogummaa farra riphee lolaa jedhu eebbisisaniiru.

Itaamoor Shuumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti Aanaa isaanii Jeneraal Ababaaw Taaddasaa, Daayrektera Jeneraalaa NageenyaOdeeffaannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi dhaabbilee nageenyaa sirna eebbichaarratti argamaniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaarraa Odeeffanne