Teekinooloojiin Misooma Niwukilaraa Itoophiyaa tajaajila nagaaf qofa oola-Komishinar Sandookaan Dabbabaa

You are currently viewing Teekinooloojiin Misooma Niwukilaraa Itoophiyaa tajaajila nagaaf qofa oola-Komishinar Sandookaan Dabbabaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 29/2018

‎Teekinooloojiin Misooma Niwukilaraa Itoophiyaa tajaajila nagaaf qofa akka oolu Komishinarri Komishinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa Sandookaan Dabbabaa ibsan.

‎Komishinarri Komishinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa Sandookaan Dabbabaa, Teekinooloojiin Niwukilaraa Itoophiyaa nageenya anniisaa mirkaneessuun cehumsa diinagdeefi kaka’umsa misoomaa biyyaalessaa irratti akka xiyyeeffatu dubbataniiru.

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) waltajjii humna atoomawaa idil-addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaan misooma humna niwukilaraa naga qabeessaaf kutannoo qabaachuu ishee mirkaneessuu isaa yaadachiisaniiru.

‎Madda dhiyeessii anniisaa qulqullina qabu ol guddisuun damee fayyaa, qonnaafi indastirii akkasumas gama qorannoofi qo’annoon akka fayyadus Komishinar Sandookaan akeekaniiru.

‎Mariin Sagantaa jalqabsiisa Misooma Anniisaa Niwukilaraa fi Komishinii Anniisaa adeemsifame irratti komishinarichi, guddina diinagdee Itoophiyaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf karoorfamuu isaa ibsaniiru.

‎Komishinichi aangoo kennameefiin Dhaabbata Anniisaa Niwukilaraa idil Addunyaa wajjin gama muuxannoo qooddachuu, leenjii teekinikaa fi ogeessotaan akka waliin hojjatu beeksisuu isaa TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply