Poolisiin Magaalaa Finfinnee tibbana manneen seeraan alaa jimaa itti qamaasisan, hoteelotaa fi manneen bashannanaa halkanii irratti sakatta’iinsa taasisuu beeksiseera.
Sakatta’iinsa taasifameen meeshaalee shiishaa kuma 17 oliifi baalli sammuu adoochu kiiloo giraama 605 to’atamuun gubamuu beeksiseera.
Qajelechi Pollisii Kutaa Magaalaa Boolee yeroo adda addaatti sakkata’iinsa taasisuun meeshaalee shiishaafi wantoota sammuu hadoochan to’achuun dhabamsiisuu isaa yaadachiiseera.
Nageenya booressuufi yakki akka babal’atuuf gochawwan sababa ta’an dursanii ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Hogganaan Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Boolee Komishinara Gargaaraa Adimaasuu Ifaa ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Nageenyaafi Tasgabbii Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Mariid Asfaaw gama isaaniin namoota seera cabsuun yakka raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu dubbachuu isaanii ibsa Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee AMN’f ergeen beeksiseera.