Teekinooloojiwwan Inistiitiyuutii AI keessatti hojjetaman fakkeenyaatti fudhatamu- Mana Murtichaa

You are currently viewing Teekinooloojiwwan Inistiitiyuutii AI keessatti hojjetaman fakkeenyaatti fudhatamu- Mana Murtichaa

‎AMN PLUS-Sadaasa 30/2018

‎Hoggantoonni Olaanoon Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa hojiiwwan teekinooloojii Inistiitiyuutii Artefishaal Intalijensii (AI) irratti hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti kan fudhataman ta’uu ibsaniiru

‎Hoggansi Olaanoo fi abbootiin murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa daawwannaa hojii waajjira muummee Inistiitiyuutii Artefishaal Intalijensii (AI) Itoophiyaatti taasisaniiru.

‎Pirezidaantiin Itti Aantuu Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Ababaa Embi’aale daawwannaan kun hojii dhaabbaticha waliin qindoominaan hojjachaa turan guddisuuf carraa ta’uu isaa ibsaniiru.

‎Inistiitiyuutichi damee haqaa irratti gumaacha guddaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.‎

‎Itti Gaafatamtuun Waajjira Pirezidaantii Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Abbaan Murtii Ababaa Salamoon gamasaaniin hojiileen inistiitiyuutii AI keessatti hojjetamaa jiran akka fakkeenyatti fudhatamuu akka qaban dubbatan.

‎Kaayyoon daawwannaa kanaas hojiilee Manni Murtiifi Inistiitiyuutiin AI waliin hojjachaa jiran babal’isuufi tajaajila kennamaa jiru sirna “SMART COURT” deggaruun akka danda’amuuf haala mijeessuu akka ta’e ibsamuu isaa odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa inistiitiyuuticha irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply