Pirezidaant Sheek Hajjii Ibraahim Tufaaf beekamtiin kenname

You are currently viewing Pirezidaant Sheek Hajjii Ibraahim Tufaaf beekamtiin kenname

‎AMN PLUS- Mudde 1/2018

Pirezidaantiin ‎Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa Yaa’ii Faawundeeshinii Ulamaa’ota Afriikaa Moorookootti geggeeffamerratti beekamtii argatan.

‎Beekamtiin kunis gumaacha isaan Faawundeeshinii Mooticha Morookoo Mohaammed 6ffaa Ulamaa’ota Afrikaa keessatti taasisaniif kennamuu eerameera.

‎Jilli Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamu Yaa’ii Waliigalaa 7ffaa Faawundeeshinii Ulamaa’ota Afrikaa mootii Mohaammad 6ffaa Morookoorratti hirmaataniiru.

Turtii Moorokootti taasisanin dhimmoota siyaasaafi diinagdee Itoophiyaa irratti marii bal’aa akka taasisan Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa ibsaniiru.

‎Yaa’icha irratti biyyoonni 48 kan hirmaatan yoo ta’u, Itoophiyaan biyyoota kanneen waliin hojjechuuf carraa akka argatte dubbataniiru.

‎Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa gama dipiloomasitiin hojiilee baay’ee akka hojjete kan ibsan Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Sheek Hamiidi Muussaa Itoophiyaan biyyoota adduunyaa 36f duudhaafi seenaa Islaamummaa akka beeksiste ibsaniiru.

Mohaammadnuur Aliitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply