Ministeerri Aadaafi Ispoortii ergaa “Baga Gammaddan” jedhu dabarse

You are currently viewing Ministeerri Aadaafi Ispoortii ergaa “Baga Gammaddan” jedhu dabarse

AMN PLUS- Mudde 1/2018

Ministeerri Aadaafi Ispoortii ayyaanni bara haaraa uummata Walaayitaa “Giifaataa”n UNESCOtti galmaa’uu ilaalchisee ergaa “Baga Gammaddan” jedhu dabarseera.

Ministeerichi Itoophiyaan hambaalee garaa garaa sadarkaa idil-addunyaatti maqaa waamsisan hedduu qabaachuu ibseera.

Ministeerichi misooma aadaaf xiyyeeffannoo kennee akka hojjataa jiru ibsuun, “Giifaataa”n UNESCO’tti galmaa’uun yaa’iinsa tuuristii guddisuuf gahee olaanaa qabaachuu eereera.

Ayyaanni bara Haaraa “Giifaataa”n uummata Walaayitaa biratti bakka guddaa qabaachuu kaasuun mallattoo eenyummaa uummataa dhalootaa gara dhalootaatti darbaa akka dhufe ergaa isaan yaadachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply