Finfinneen akkuma abaaboo akka finiintuuf misoomni kooriidarii Piyaassaatti hojjatame ragaa qabatamaa ta’uu Waajjirri Kantiibaa miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.
Waajjirri Kantiibaa kan dursu jiraattotaaf bakka jireenyaa mijataa kennuu akka ta’e kaasuun, Piyaassaatti sadarkaa jireenyaa gadi aanaa ta’e jiraaachaa kanneen turaniif filannoo 3’n manni jireenyaa kennamuu beeksiseera.
Kanneen mana gandaafi mootummaa keessa jiraataa turaniif bakka jireenyaa madaalu, abbootii qabiyyee dhuunfaa misooma hunda galeessaaf bakkicha irraa ka’aniif lafa madaaluufi beenyaan kennamuu Waajjirri Kantiibaa Finfinnee beeksiseera.

Dabalataanis, maallaqni mana kiraa yeroo muraasaan ta’u kennamuu ibseera.
Kanaan dura haala jireenyaa mijataa hin taane keessa daa’imman turan, guddattootniifi dargaggootni piyaassaa amma jijjiirama Magaalaan Finfinnee eegalteen naannoo ammayyaa’aa bakkeewwan ispoortiifi mijaawaa ta’e keessatti dabarsaa akka jiran eereera.
Torban darbe keessa Kantiibaa Adaanech Abeebee daawwannaa Laaftootti taasisaniin daa’immaniifi dargaggoota kanneeniif meeshaalee ispoortii gumaachuu waajjirichi yaadachiiseera.