Foramiin Turizimii Finfinnee 1ffaan Muddee 5-7tti taa’ama

You are currently viewing Foramiin Turizimii Finfinnee 1ffaan Muddee 5-7tti taa’ama

AMN PLUS- Muddee 2/2018

Magaalaa Finfinnee giddu galaa tuurizimii taasisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru Komishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Komishinichi Foramii Turizimii jalqabaa Paarkii Araadaatti qophessuuf qophii xumuruu beeksise.

Komishinarri Komishinii Turizimii Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa komishinichi erga hunda’ee yeroo gabaabaa ta’us Magaalaa Finfinnee hawwaata turiistoota taasisuuf hojiilee hedduu hojjeechaa jiraachuu eeran.

Foramii turizimii guddaa qopha’uu kanarratti qooda fudhattootni hedduun kan hirmaatan, agarsiisni suuraa bakka gahumsaa turizimii magaalitti beeksisaaniifi kanneen biroon ni dhiyaatu jedhan.

Komishinichi saganticharratti Marsariitii haaraa Turizimii Magaalaa Finfinnee sadarkaa idil-addunyaatti beeksiisuuf dandeessisus kan ifoomsu ta’uu eeraniiru.

Leensaa Hordofaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply