Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Geediyoo Magaalaa Diillaatti mariin hawaasaa Dhimmoota adda addaa irratti xiyyeeffate adeemsifamaa akka jiru ibsame.
Marii kana irratti Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Alamuu Simee (PhD), Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Benishaangul Gumuz Geetaahun Abdiisaa fi Hoggantoonni Naannoo Kibba Itoophiyaa sadarkaa garaagaraa irra jiran akkasumas kutaaleen hawaasaa Godina Geediyoo argamaniiru.
Maricha irratti haasaa kan taasisan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Lookistiksii Alamuu Simee (PhD) hudhaaleen garaagaraa jiraatanis, mootummaa jijjiiramaatiin dameewwan hundaan milkaa’inni hedduun galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Milkaa’ina jijjiiramaa as akka biyyaatti argame kana keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Mootummaanis yeroo adda addaattii uummata isa filate dhaggeeffachuun hawaasa irraa yaadaa fudhachaa, cimina jiru itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu kaasaniiru.
“Gaaffiilee hawaasa biraa ka’aniif immoo deebii kennuun milkaa’ina akka biyyaatti argame milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himanii mariin taasifamaa jiru kunis qaama kanaati” jechuun ibsaniiru.
Jiraataa Biyyanaatu gabaase