“Akkuma Hooliwuudii, Akkaadamiin Abbaa Lataas aartii Oromoo ol qaba” Daayirektaraafi Piroodiyuusara, Leencoo Fiqruu

You are currently viewing “Akkuma Hooliwuudii, Akkaadamiin Abbaa Lataas aartii Oromoo ol qaba” Daayirektaraafi Piroodiyuusara, Leencoo Fiqruu

‎AMN PLUS- Mudde 4/2018

‎”Akkuma Fiilmiin Hooliwuudii Ameerikaaf madda galii guddaa ta’e, Akkaadamiin Taatummaa Abbaa Lataa fiilmii aartii Oromoo ol qabu oomisha jedhe Hundeessaan Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa, Leencoo Fiqiruu.

‎AMN Dijitaal waliin turtii kan taasise Leencoon, fiilmiin ‘Abbaa Malkaa’ Waltajjii Idil-addunyaa ‘Africa-USA International Film Festival’ irratti Afriikaa bakka bu’ee badhaasota lama dameelee ‘Best Actor’ fi ‘Best Thriller’ dhaan akka argate yaadachiise.

Leencoon hojiiwwaan viidiyoo muuziqaa 60 ol hojjeteera. Hojiin isaa jalqabaas muuziqaa viidiyoo Muquxxaayee sirba Leencoo Gammachuu ture.

‎Filmii Afaan Oromoo hojjachuun hawwii isaa waan tureef qorannoo adda addaa gaggeessaa akka ture dubbata. “Yeroo fiilmii hojjechuuf ka’an waan lafa irra jiru qoratu, waan lafa jiru ammoo kan lubbuu itti godhu taatotadha” kan jedhe Leencoon, hedduumina taatotaa dhabuun ammoo mana barumsaa banuun qaawwa kana cuufuu akkan qabu na taasise” jedheera.

‎Gaafa Muuziqaan ka’u Alii Birraa, gaafa Fiigichaa Abaabaa Biqilaa, gaafa Diraamaafi Filmiin ammoo Abbaa Lataa dura namni maqaa dha’amu hin jiru, kanaafan isarraa ka’uudhaan dhalootni of duratti nama ilaalu akka qabaatuuf jedheen ‘Abbaa Lataa Akkadaamii’ jedhee moggaase jedhe.

‎Jalqa irraa eegalee barattoota ji’a 6 leenjisuun leenjitootuma kanaanis deebisee fiilmii hojjechuuf murteesse jedhe.

‎Dhaabbatni Kunis erga hundaa’ee waggaa 2 ta’uu kaasee, imala gabaabaa kana keessatti milkaa’inoota hedduu akka galmeesseefi barattoota 150’ol ta’an marsaa 1ffaa Fiilmii Abbaa Malkaatiin 2ffaa siitkoomiidhaan, 3ffaan ammoo fiilmii haaraa eebbisiisuuf akka jiru dubbateera.

‎”Biyyi tokkofi hawaasni itti fufuuf dhalootni jiraachuu qaba, namni uumamuun qofti hiika hin qabu, waan inni hojjetuuf ittiin hojjechuu danda’u uumuun murteessaa waan ta’eef anis ga’eekoo ba’achaa jira” jedhe.

‎Biyyoonni akka Ameerikaa, Hindii, Turkiyefi Afriikaa keessaas Naayijeeriyaa dabalatee fiilmiidhaan biyya isaanii baay’ee guddisaa akka jiran himeera.

‎Aartiin keenya garuu muuziqaa qofatu fooyya’aadha, fiilmii keessatti garuu hirmaannaan keenya homaayyu” jedhe.

‎Biyya keenyatti fiilmii tokkoofi lamatu waggaatti ba’a, biyya biraatti garuu torbanitti ba’a kan jedhe Leencoon, kana jijjiiruuf nus cimnee mootumaanis xiyyeeffannoo guddaa yoo kenneefii ni guddata jedhe.

‎Fiilmiin Abbaa Malkaa Kunis erga eebbifameen booda Eliyaanaa fi Wanciitti akka agarsiifame himee, guyyaa borii ammoo Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti akka agarsiifamu hime.

Gara fuulduraattis magaloota Oromiyaa bakka garagaraattis agarsiisuuf akka jiran AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen mirkaneesseera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply