Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kutaa magaalaa Lidataatti lammiilee humna hin qabneefi nama deeggaru hin qabneef manneen gandaa 106 dabarsan.
Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, “Hawaasa waliin marii taasisneen eeruu nuuf kenname bu’uureffachuun warreen dursa kennuun barbaachisu qulqulleeffachuun jireenya isaanii waaraan haala jijjiiruun manni gandaa kennameeraafi” jedhan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee “Keessumaa Kutaa magaalaa Araadaa, qarqara Laga Qurxummiitii namootni ka’uun wal falmii qaama 3ffaan kanneen rakkachaa turan, har’a rakkinni ture furamuun, mana jireenyaa waan argattaniif baga gammaddan, nutis gammadneerra” jechuun ergaa dabarsaniiru.