AMN PLUS- Mudde 6/2018
Maastar Abinnat Kabbadaa, miidiyaan hawaasummaa akkamiin jireenya lammiilee dadhaboo akka jijjiiru nama gochaan agarsiise dha. Namoota dhibamanii rakkatan waliin dhukkubsata. Haadholii rakkoon boochisu waliin boo’a. Miidiyaa hawaasummaan gargaarsa walitti qabuun gumaachiun beekama.
Maaster Abinnet amma garuu ofiisaayyuu dhibee hamaarratti akka kufe turtii AMN walin taasiseen ifoomseera.

“Yeroon nama rakkateef gargaarsa walitti qabu taa’uu hin danda’u” kan jedhu Maaster Abinnat, maalummaa dhibee isaa kana sana jedhee lafa kaa’uudhaa baatus dhibamuu isaas namatti himachuu hin barbaadu jedheera.
Maastar Abinnat baatii tokko hin guutne keessatti birrii miliyoona 30 ta’u walitti qabuun namootni 5 gara biyya Hindii dhaqanii akka yaalamanii deebi’an taasisuu ibsee jira.
“An amma dhukkuba qoratamee hin beekamne keessan jira, dhukkubni na dhiphisu kun qorannoodhaan hin argamu, ofiikoo dhabaa, xiinsammuun miidhamaan jira” jedhe.

Hangam keessi isaa dhibamee qaamni isaa hir’atee uffataan of dhoksee deemuu barbaadus amma amma garuu akka dhibame irraa beekamuu jalqabuu kaasa.
“Yeroo imimmaan haadholiifi abbootii haqamee argu. Yeroon obboleessakoo boquu ol qabachiisee akka deemu taasisu, Yeroon obboleettiikoo dhibee Kaleen qabamtee turte, garuu fayyitee seeqqannaan ishee deebi’u argu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru. Sana ilaaleen jajjabaadha” jedheera.

“Dhibee keessoo koo waaqni akka naaf wal’aanu nan amana, kanaan achi nama rakkisuu hin fedhu” kan jedhu Maaster Abinnat, uummatni Itoophiyaa akka Waaqa isaaf kadhatu, gaafateera.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse