AMN Sagalee Dhalootaa ta’uu qabatamaan agarsiisaa jira jedhan hoogganaan biiroo komunikeeshiinii Magaalaa Finfinnee Obbo Haaftaay G/Igzaaber.
Addis Miidiyaa Netwoorkifi Biiroon Komunikeeshinii Magaalaa Finfinnee Sagantaa Waarkaa dabalatee Sagantaalee jiraattonni magaalichaa ittiin dubbachuun deebii ittiin argatan caalatti jabeessuuf walii galtee hojii mallatteessaniiru.
Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii Magaalaa Finfinnee Obbo Haaftaay G/Izgaaber AMN miidiyaa hidhannoo meeshaalee Tekinolojiin jabaachaa sagalee dhalootaa ta’uu qabatamaatti mirkaneessedha jedhan.

AMN miidiyaa Uummataafi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun hojjechaa ta’uu kan ibsan Obbo Haaftaay gochoota badaa saaxiluu, misooma magaalichaa ifatti agarsiisuufi kanneen biroo irratti kan duraa caalaa waloon hojjechuuf kutannoo qabaachuus himan.
Hoji-raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa gama isaanitin AMN Humna nama barateefi Hidhannoo meeshaalee tekinolojiin guutamuun Odeeffannoo magaalaa Finfinnee saffisaafi Qulqullinaan kennuuf Miidiyaa dorgomaa jiru ta’uu dubbataniiru.

AMN Filmaatilee gara garaan Afaanota biyya keessaa shaniifi biyya alaa lamaan miidiyaa riqachaa hawaasaa mootummaa ta’ee hojjechaa jiru ta’uus ibsaniiru.
Kana caalatti cimsuuf Biiroo kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee wajjiin tokkummaan hojjechun cimee itti fufas jedhan.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.