‎”Daawwannaan keessan hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii akka guddate agarsiisa”- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing ‎”Daawwannaan keessan hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii akka guddate agarsiisa”- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Mudde 8/2018

‎Daawwannaan Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii Itoophiyaatti taasisan hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii guddachuu akka agarsiisu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaan kun hariiroo gama lamaanii dameewwan garaa garaan jabaachaa dhufe agarsiisuu irra darbee biyyootni lamaan mul’ata waloo qabaachuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

‎Itoophiyaafi Indiyaan boqonnaa michooma haaraa imala fagoon masakame qabaachuu kan Ibsan Ministirri Muummee, birmadummaa biyyoota lamaanii kabachiisaa dhimmoota addunyaa keessatti qooda olaanaa bahachuuf qophaa’uu isaanii beeksisaniiru.

‎Indiyaa damdamattuu ijaaruuf mul’atni Ministirri Muummee Indiyaa Moodiin qabatan haala michooma waaraafi tarsiimawaa ta’een mul’achaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Itoophiyaanis ilaalcha ida’amuun walitti dhufuun cimina ishee guddisaa ogummaafi qaroomina seenaa irraa fudhatteen biyya ammayyaafi egereen ishee fooyya’aa ta’e dhalootaaf ijaaruuf murannoon hojjachaa akka jirtu ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktor Abiyyi, biyyootni lamaan duudhaafi seenaa bara dheeraa waliin qooddatan hedduu qabaachuu ibsuun kunis carraa waliin guddachuu akka mijeessu dubbataniiru.

‎Carraa ilaalchi waloo kun uumu keessaa tokko carraa hojii ta’uu kan kaasan yoo ta’u warshaawwan hedduu waliin banuu fi carraa cehumsa dijitaalaatti fayyadamuun lammiilee hunda bira gahuun akka danda’amu ibsaniiru.

‎Anniisaa haaromfamaafi qulqulluun Itoophiyaan eegalte indaastiriiwwaniif galtee ta’uurra darbee Finfinneefi Bangaaloor carraa hojiitiin walitti hidhuuf bu’aa guddaa akka qabus ibsaniiru.

‎Carraa hojii haaraa uumamuu kanaan dargaggoota kalaqan gaggeessaniifi egeree isaanii bifa waaraan jijjiiruuf qophaa’an waliin fuulduratti imaluuf biyyootni lamaan carraa waloo akka qabanis kasaaniiru.

‎Daawwannaan Ministira Muummee Indiyaa kunis egeree biyyoota lamaanii qofaa osoo hin taane biyyoota Kibbaa (Global South) keessatti akka addunyaatti qaban dabalaa dhufe kun agarsiistuu ta’uurra darbee yeroon itti gumaacha olaanaa ba’atan amma ta’uu kan mirkaneesse akka ta’es ibsaniiru.

‎Hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa tarsiimawaatti guddisuuf murtoon murtaa’e tumsa waloo guddisuufi guddina waloo akeekuuf boqonnaan haaraa banamuu isaa akka mirkaneessullee Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) dubbataniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply