Inistitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa Pilaatfoormii Dijitaalaa “ATI-AgriLearn” jedhamu ifoomse.
”ATI- AgriLearn” pilaatfoormii dijitaalaa tiraanisfoormeeshinii qonnaa qonnaan bultoota ga’oomsuufi gurmeessuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun qonna ammayyeessuuf akka fayyadu Daayirektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa Maandafiroo Nugusee (PhD) dubbataniiru.
”Dargaggoon baadiyyaa jiru ammoo qonnaan bulaa osoo hin taane gara magaalaatti galuu barbaada” jedhanii, garuu bakkuma jirutti galii argachuun hojii qonnaa irraa akka fayyadamu “AgriLearn” akka gargaaru ibsaniiru.
Pilaatfoormiin dijitaalaa kun galtee irraa eegalee waan hunda of keessaa waan qabuuf dargaggootaaf haala mijataa uumuufi dorgomaa akka ta’aniif kan uumame akka ta’e dubbataniiru.

Itoophiyaan ALA’tti Bara 2023 oomisha qamadiin of danda’uu akkasumas biyya alaatii galchuu akka dhaabde kan kaasan daayirektarri olaanan kun, fiilmiin cehumsa qonna qamadii biyyattii agarsiisus ifoomuu ibsaniiru.
Fiilmiin oomisha qamadii bu’uura taasifachuun ifoome kun taatota dhugaafi kalaqamaniin ogeessota fiilmii Loos Aanjalas hirmaachisuun akka hojjetames ibsameera.
Pilaatfoormiin dijitaalaa “ATI-AgriLearn” kun yeroo jalqabaaf kan hojiirra oole yoo ta’u filmaatilee dargaggoonni ittiin fayyadaman Shan kan of keessaa qabuu akka ta’e Inistitiyuutichatti Daayirektarri Damee Sagantaa Fayyadamummaa Dargaggootaa Obbo Haayilee Dheeressaa ibsaniiru.
”Dargaggootni oomishtummaa isaanii guddisuun akka of danda’aniifi gara biizinasiitti akka guddifatan kan dandeesisuudha” jedhaniiru.
Xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa qonna qamadiif kenneen Itoophiyaan oomisha qamadiin Afrikaarraa sadarkaa jalqabaa qabachuun ishees akkasuma ibsameera.
Daraartuu Tarreessaatiin