Fayyadamtootni bilbila mobaayilaa Miliyoona 97 ga’aniiru- Firehiwoot Taammiruu

You are currently viewing Fayyadamtootni bilbila mobaayilaa Miliyoona 97 ga’aniiru- Firehiwoot Taammiruu

‎AMN PLUS- Mudde 11/2018

‎Dijitaal Itoophiyaa 2025tiin dameewwan Telekoomii irratti bu’aan hedduun galmaa’uu Hoji-Raawwachiistuun Olaanaa Etiyoo-Telekoom Firehiwot Taammiruu ibsan.

‎Aadde Firehiwot maamiltootni bilbila mobaayilaa Miliyoona 97 irra dhaqqabsiisuun akka danda’ame ibsuun, Itoophiyaatti lammiileen Miliyoonni 57 ol fayyadamoo tajaajila intarneetii ta’uu kaasaniiru.

‎Magaalotni Itoophiyaa 1,030 ta’an tajaajila neetiworkii dhaloota 4ffaa “4G” irraa fayyadamoo ta’uu eeraniiru.

‎Dijitaal Itoophiyaa 2030’n lakkoofsi fayyadamtoota bilbila mobaayilaa Miliyoona 128 kan ga’u akka ta’e eeruun tajaajilli neetiworkii dhaloota Shanaffaa “5G” illee %100 akka ga’u hojjatamaa jiraachuusaa ibsuu isaanii odeeffannoon Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa irraa arganne ni mul’isa.

‎Dabalataanis, tajaajilli sirna kaffaltii dijitaalaa ALA 2030tti harka 7’n akka guddatuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply