Seenaa Yaadannoo Adawaa qorannoofi qo’annoon guddisuuf Yunivasritiiwwan sadii Yaadannoo Injifannoo Adawaa waliin waliigaltee mallatteessan

You are currently viewing Seenaa Yaadannoo Adawaa qorannoofi qo’annoon guddisuuf Yunivasritiiwwan sadii Yaadannoo Injifannoo Adawaa waliin waliigaltee mallatteessan

‎AMN PLUS-Mudde 13/2018

‎Seenaa Yaadannoo Injiffannoo Adawaa duudhaa isaa eeggatee seenessa waloon gabbisuuf Yunivarsiitii Finfinnee, Yunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Finfinneefi Yunivarsiitiin Kotobee Yaadannoo Injifannoo adawaatti waliif mallatteessaniiru.

‎Injiffannoon Adawaa kan uummatni gurraachi hundi ittiin boonuufi mallattoo Paan Afrikaanizimii akka ta’e Daayirektarri Yaadannoo Injiffannoo Adawaa Yoosef Beekoo (PhD) ibsaniiru.

‎Seenaa guddaa kana itti fufsiisuufi seenaa waloo ijaaruuf hojiilee qo’annoofi qorannoorratti xiyyeeffachuun dhaabbileen barnoota olaanoo qindoominaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’es hubachiisaniiru.

‎Yaadannoon Injifannoo Adawaa yunivarsiitii hangafaa waliin hojjechuuf murteessuun jijjiirama guddaadha kan jedhan Pirezidaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Saamu’eel Kiflee (PhD), seenaa bakka barbaachisu tarsiisuufi dhalootatti dabarsuuf yunivarsitichi baruumsaafi teekinooloojiin deggaruuf qophii ta’uu dubbataniiru.

‎Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Finfinnee Darajjee Ingidaa(PhD) gamasaaniin yaadannoon Injifannoo Adawaa Itoophiyaa addunyaatti kan beeksisu ta’uu himuun, teekinooloojiifi kalaqaan barattoota hirmaachisuun maqaa gaarii biyyaa ijaaruuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

‎Pirezidaantiin Itti Aanaan yunivarsiitii Barsiisota Kotobee Teewodiros Mulugeetaa (PhD) seeneffama dogoggoraa sirreessuuf yunivarsitichi carraa argachuu isaatti akka gammadan ibsaniiru.

‎Yaadannoo Injiffannoo Adawaa karaa saayinsaawaan seenaa isaa qindeessanii addunyaatti beeksisuufi dhaloota eegeretif dabarauuf haalli mijataan akka uumamu sagantaa waliugaltee mallatteessuu kanarratti ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply