AMN PLUS- Mudde 15/2018
Sirna jalqabsiisa Appilikeeshinii Bilbilaa Kitaabota Ida’amuu kaleessa bakka Itti gaafatamtuun Seekireetariyaatii Billanee Siyyum fi gabaastotni Waajjira Ministira Muummee argamanitti adeemsifameera.

Billanee Siyyum sagantaa kana irratti Kitaabotni Ministira muummee Abiyyi Ahimad (PhD) barreessanii dubbistoota biraan gahan; Ida’amuu, Daandii Ida’amuu, Dhaloota Ida’amuu fi Mootummaa Ida’amuu keessaa sadii maxxansarra darbuun appilikeeshinii Ida’amuutiin sagaledhaan seeneffamanii qophaa’uu ibsaniiru.
Kitaabotni Afran Afaan Amaaraa fi Afaan oromoo akkasumas, Ida’amuu fi Dhalootni Ida’amuu Afaan Ingiliziin qophaa’uu kan himan Itti gaafatamtuun Seekireetariyaatii Waajjira Ministira Muummee, kiraabotni sadii Qaro-dhabeeyyiidhaaf haala mijatuun sagaleedhaan seeneffachuun qophhaa’uu dubbataniiru.

Kitaabotni Ida’amuu appilikeeshiniidhaan dhiyaachuun daangaa tokko malee akka dubbifaman haala mijeessuu kaasaniiru.
Kunis namootni biyya alaa jiraatanii carraa Ida’amuu dubbisuu hin arganne akka sagaleen argatan taasisuu eeruun, applikeeshiniin Ida’amuu maloota lamaan dhiyaachuu dubbataniiru.
Namootni bilbila ‘iPhone’ qaban ‘iOS’ keessa seenuun, applikeeshinii Ida’amuu jedhu buusuudhaan argachuu akka danda’an ibsaniiru.

Fayyadamtootni bilibila ‘Android’ qaban ammoo ‘Play Store’ keessa seenuun applikeeshinicha buusuu akka danda’an dubbataniiru.
Iddoowwan bilbilootni ammayyaa ‘Smart phone’ hin dhaqqabnetti ammoo Kompiyuutara, Deeskitooppii ykn Laappitooppiidhaan marsariitii ‘Ida’amuu’ irratti argachuun akka danda’amu ibsaniiru.
Kitaabota sagaleedhaan seeneffamanii dhiyaatan sadaniin alatti caqasootni suuraa gaggabbaaboo kitaabicha keessaa filataman akkasumas viidiyoowwan garaa garaa hammatamuu himanii jiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yeroo garaa garaa waa’ee kitaabota Ida’amuu ilaalchisee haasaan taasisan viidiyoo gaggabaabaan qophaa’ee applikeeshinii Ida’amuu irratti akka argamu, Billanee Siyyum ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e