Hoggansa fageessee yaaduun jijjiirama Itoophiyaa galmeessaa jirra- Biqilaa Hurrisaa (PhD)

You are currently viewing Hoggansa fageessee yaaduun jijjiirama Itoophiyaa galmeessaa jirra- Biqilaa Hurrisaa (PhD)

AMN PLUS-Mudde 15/2018

‎Iccitiin jijjiirama biyya Itoophiyaa inni guddaan hoggansa fageessee yaadu qabaachuu akka ta’e, Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokraasii Biqilaa Hurrisaa(PhD) ibsaniiru.

‎Turtii Qophii Addaa AMN PLUS waliin taasisaniin, hoggansi fageessee yaadu Itoophiyaa rakkinaa fi gadadoo keessaa baasuun addunyaa wajjin dorgomtuu akka taatu gochuu akka danda’u ibsaniiru.

‎ Dooktar Biqilaa Hurrisaa “Biyyi tokko hoggansa ishee fakkaatti; hoggansi yoo dadhabe biyyi ni kufa, yoo hoggansi cimaa ta’e immoo biyyi ni guddatti,” jedhaniiru.

‎Kanaaf, “Itoophiyaan hoggansa cimaa xiiqiifi kutannoon biyya ceesisuuf kaayyeffate Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hogganamuun jijjiirama seena-qabeessa galmeessaa jirti” jedhaniiru.


‎Dooktar Biqilaan hoggansi Itoophiyaa amma jiru kan alaa dhufe osoo hin taane beekumsa biyya keessaa maddisiisuun biyya hogganaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.

‎Qabeenya uumamaa hedduu biyyattiin qabduun rakkoofi gadadoo keessaa bahuun badhaadhina mirkaneessuuf hojjatamaa jiraachuu kaasaniiru.

“Isaanis lafa, bishaan, albuuda akkasumas hawwata tuurizimii qindeessuun yoo hojjenne rakkoo diinagdee keessaa bahuun ni danda’ama”jechuun dubbataniiru.

‎Hojiin jijjiiramaa inni jalqabaa riifoormii diinagdee gaggeessuun biyya idaa addunyaa harkatti kufte sarara diimaa keessaa baasuu akka ture ibsaniiru.

‎Dameewwan oomishaa hojiitti galchuun oomishtummaa guddisuu, idaa kaffaluufi bu’aa gaarii diinagdee galmeessuun akka danda’ame eeraniiru.

‎Waggoota muraasa dura namoota deeggarsa nyaataa barbaadan miliyoona 28 turan amma gara miliyoona 3 tti gadi buusuun jijjiirama guddaa akka ta’e dubbataniiru.


‎“Diinagdeen keenya midhaan nyaataa alaa safaramuufi hin qabu,” kan jedhan Dooktar Biqilaan, uummatni nyaataan of danda’uu hin dandeenye birmadummaa isaa akka dhabu ibsaniiru.

‎Yeroo ammaa oomishni Itoophiyaa gabaa addunyaatti dhiyaachaa jiraachuun kuduraalee fi muduraaleen adda addaa baay’inaan gurguramaa akka jiran kaasaniiru.

‎Keessattuu seenaa Itoophiyaa keessatti bunni yeroo jijjiiramaa kana doolaara biiliyoona 2.6 argamsiisuu danda’uun bu’aa olaanaa galmeessuu isaa himaniiru.

‎Dhumarrattis, “Hojiin biyya keessatti dafqinee hojjenne hariiroo idil-addunyaa fi dippiloomaasii keenya jabeessuun Itoophiyaa dirree idil-addunyaa irratti morma ol qabsiiseera,” jechuun Dooktar Biqilaa Hurrisaa turtii Qophii Addaa AMN PLUS waliin taasisan irratti ibsaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply