Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Aliiturtii waggaa 27 booda har’a gara biyyaa deebi’an.
Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee yetoo gahan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan simataman.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa, Obbo Hasan Alii turtii baqattummaa waggoota 27 Ameerikaatti dabarsanii, yeroo jalqabaatiif gara biyyaa deebi’an.
Obbo Hasan Aliin bara 1984 hanga 1987 ALItti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa ta’uun tajaajilaniiru.