Gumiin Balal Marsaa 48ffaan mata duree “Dantaa Biyyaalessaafi Miidiyaa” jedhuun Galma Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa’amaa jira.
Marii kana irratti haasaa kan taasisan Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa “Hanguma guddinni biyyaa dabalaa deemu Qabiyyeen Dantaa biyyaalessaa dabalaa deema” jedhan.
”Akkuma loltuun biyya isaa tiksu Miidiyaaleen Olola sobaa qolachuun dantaa biyyaa kabachiisuun dhimma filannoof dhihaatu miti” jedhaniiru.
Marii Gumii Balal marsaa 48 ffaa kanaan yaadni mariif ta’u dhihaachuun, dhimma dantaa biyyaa kabachiisuu irratti gahee miidiyaaleen bahatan irratti akka mari’atamaa jiru ibsaniiru.
Marichi qindeessummaa Waajjira pireezidaantii Nootummaa Naannoo Oromiyaafi Biiroo kominikeeshinii Oromiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u hoggansii fi hayyootni dhaabbilee garaa garaa ni hirmaachaa jiru
Geetaahun Katamaatu gabaase