Biiroon Fayyaa Oromiyaa moosaajii ‘Odacare’ jedhamu hojiirra oolche

You are currently viewing Biiroon Fayyaa Oromiyaa moosaajii ‘Odacare’ jedhamu hojiirra oolche
  • Post category:Fayyaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS- Mudde 17/2018

Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila fayyaa hawaasaa qulqulluufi qaqqabamaa taasisuuf Moosaajii haaraa ‘Odacare’ jedhamu misoomsuun hojiirra oolchuu beeksise.

Sirna jalqabsiisa moosaajii kanaas Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadaat Nashaa, Hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaafi bakka hooggantoonni biroo argamanitti raawwatamuu ibsameera.

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa, tajaajilli fayyaa yeroo gara yerootti fooyya’aa jiraachuu ibsuun, “Dhukkubni dur fayyamuu hin dandeenyes fayyaa jira,umriin hawaasa keenyaas dabalaa jira” jedhan.

Moosaajiin “Odacare” hojii jalqabe humna namaa biirichaan kan misoome ta’uu eeruun, qisaasama hambisuun iftoomina uumuufi dandeettii damichaa ol kaasuu keessatti gahee olaanaa qabaachuus eeraniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadat Nashaa gamasaaniin Mootummaan Jijjiiramaa imala badhaadhinaa saffisiisuuf tarsiimoo diijitaalaa hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.

Itti dabaluunis, “Biiroon Fayyaa Oromiyaas ogeessa isaan moosaajii kana misoomsuun kan imala kana daran fuulduratti tarkaanfachiisuudha” jedhaniiru.

Oromiyaatti maamilli tajaajila fayyaa argatu miiliyoona 50 ol ta’uu kaasuun, rakkoo qulqullina tajaajilaa irratti mul’atu moosaajiin kun akka furu dubbachuu isaanii odeeffannoon BKO irraa ergame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply