Tumsi Itoophiyaafi Chaayinaa Konfiraansii Bunaa Itiyoo-Chaayinaan caalmaan calaqqiseera- Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing Tumsi Itoophiyaafi Chaayinaa Konfiraansii Bunaa Itiyoo-Chaayinaan caalmaan calaqqiseera- Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

AMN PLUS – Mudde 18/ 2018

Konfiransiin Tumsa Dinagdee fi Daldala Bunaa Itoophiyaa – Chaayinaa miira tumsaa biyyoota lameenii kan calaqqisiisudha jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Konfiransiin Tumsa Dinagdee fi Daldala Bunaa Itoophiyaa – Chaayinaa Chaayinaa Bulchiinsa Hunaan Magaalaa Juujootti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaanti Taayyeen Konfiransicha ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Konfiransichi waa’ee bunaa irratti mari’achuuf qofa osoo hin taane tuma waaraa biyyoota lameenii kabajuufis akka ta’e ibsan.

Itoophiyaa biyya argama bunaa ta’uufi biyyattii bakkeewwan adda addaatti bunni kan oomishamu ta’uu ergaa isaaniin kaasaniiru.

Oomishni bunaa lafee dugdaa diinagdee Itiyoophiyaa ta’uufi sharafa alaa argamsiisuu %30 qooda qabaachuu eeraniiru.

Bu’uura hammattoo tumsaa Chaayinaa- Afrikaan Itiyoophiyaafi Chaayinaan dameewwan ce’umsa indaastiriif bu’uura ta’an qonna, misooma magariisaa, invastimantiifi bu’uuraalee misoomaan mul’ata waloo qabaachuu eeraniiru.

Waltajjiiwwan akka kanaa oomisha bunaa Itoophiyaaf carraa gabaa bal’isuuf barbaachisaa ta’uu ibsuun qaamolee konfiransicha qopheessan galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply