Ministeerri Fayyaa Dirooniin deeggaramuun talaallii Maarbarg raabsuu eegale

You are currently viewing Ministeerri Fayyaa Dirooniin deeggaramuun talaallii Maarbarg raabsuu eegale

‎AMN PLUS- Mudde 19/2018

‎Ministeerri Fayyaa iddoowwan sodaan vaayirasii Maarbarg jirutti dirooniin deeggaramuun qorichaa fi talaallii raabsuu eegaluu beeksise.

‎Ministeerichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Naannoo Kibbaa Itoophiyaa, Aanaa Daassanechitti dirooniin talaallii raabsuu eegalaniiru.

‎Talaallii vaayirasii Maarbarg waliin gahuun, tamsa’ina dhibichaa ittisuufi lubbuu lammiilee iddoowwan fageenya irratti argamanii baraaruuf karoorfamuu ibsameera.

‎Kanaanis qorichaafi talaallii konkolaataan yeroo dheeraa fudhatu daqiiqaa muraasa keessatti dhaqqabsiisuun akka danda’ame Ministeerichi beeksiseera.

‎Dabalataanis, Ministeerri Fayyaa fi Tajaajilli Dhiyeessii Qorichaa bu’aawwan teekinooloojii fayyadamuun weerara dhibeewwanii dursaanii ittisuuf gahumsa isaanii olaanaatti ceesisuu gochaan kan itti agarsiisan tahuu hubatameera.

‎Gara fuulduraattis, qoricha dirooniin bakka barbaachisaa tahetti qaqqabsiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjatamaa jiraachuu odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply