Mala ammayyaatiin dameen Qonnaa Itoophiyaa jijjiiramaa jira- Waajjira Ministira Muummee

You are currently viewing Mala ammayyaatiin dameen Qonnaa Itoophiyaa jijjiiramaa jira- Waajjira Ministira Muummee

AMN PLUS- Mudde 20/2018

Itoophiyaatti malli qonnaa ammayyaa bara 2010 as hojiirra oole damee qonnaa jijjiiraa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

Waajjirichi “Mekaanaayizeeshiniin qonnaa, oomishtummaa guddisuun, bu’a-qabeessummaa dabaleera, akkasumas haala qilleensaa jijjiiramu dandamachuun danda’ameera” jedheera.

Sanyii fooyya’aa, misooma jallisii, qonna kalaqaan deeggaruun jiruuf jireenya qonnaan bulaa baadiyyaa jijjiiruun danada’amuu ibse.

“Qonni lafee dugdaa diinagdee biyyaa ta’ee itti fufuu” kan eere Waajjirri Ministira Muummee, badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf bu’uura ta’uu himeera.

Damee wabii midhaan nyaataa miiliyoonotaaf mirkaneessuun guddina biyyaa keessatti gahee olaanaan itti fufuu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply