Dhaloota Jaarraa Dijitaalaa hubatetu, egeree Itoophiyaaf dhaabbata

You are currently viewing Dhaloota Jaarraa Dijitaalaa hubatetu, egeree Itoophiyaaf dhaabbata

AMN PLUS- Mudde 21/2018

Yeroon kan dijitaalaayizeeshinii dha. Jaarraa dijitaalaa keessatti artefishaal intelijensiin (AI) meeshaa teekinoolojii tahuurra darbee waliin tarkaanfachuuf yeroo itti si’atanii fi saffisanii argamanidha.

Yeroo dijitaalaa kana keessatti argamuu qofa osoo hin taane, waan yeroon gaafatu hubachuun of gahoomsanii ittiin fayyadamuun akka bashannanaatti osoo hin taane akka carraa jireenyaa ijaaruuttis itti fayyadamuun barbaachisaadha.

Akkuma loltuun tokko harka qullaa ykn ulee qabatee dirree waraanaatti hin seenne, dhalootni ammaa kunis osoo meeshaalee teekinooloojii yeroon gaafatu sirnaan hin gonfatin, addunyaa ammaa faana tarkaanfachuun akka hin danda’amne ifaadha. Kanaaf, barnootni, ogummaan fi dandeettiin dijitaalaa har’a dirree dorgommii jireenyaa ta’eera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad yeroo adda addaatti artefishaal intelijensii fi cehumsi dijitaalaa egeree Itoophiyaa keessatti gahee murteessaa akka qabaatu irra deddeebi’anii ibsaniiru.

“Dhaloota Egereesaa hubatu, beekee akka isaaf ta’utti itti fayyadamuuf, faayidaa AI fi teekinoolojii irraa fayyadamuun murteessaadha,” jechuun kanneen sodaatanii of irraa fageessan immoo hiree isaanii ofumaan dabarsanii kennuu isaanii akeekkachiisaa turaniiru.

Kitaaba isaanii Ida’amuu keessattis teekinoolojiin galma osoo hin taane, akkaataa itti dhalootni itti fayyadamuu fi itti qindeessu murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Hubannoon namtolchee (AI) nama maashinootaan bakka buusuuf osoo hin taane, beekumsa namaa teekinoolojii wajjin walitti fiduun guddina Itoophiyaa saffisiisuuf akka gargaaru jala muranii kaa’aniiru.

Yaadni kun haala qabatamaa ta’een hojii irra oolaa jira.

Sagantaa ‘Digital Ethiopia 2025’ jalatti, Itoophiyaan tajaajilawwan mootummaa dhibbootaan lakkaa’aman dijitaala taasisuun, tajaajila uummataaf kennamu saffisaa, iftoomina kan qabuu fi haqa qabeessa akka ta’u taasifteetti.

Lakkoofsi fayyadamtoota bilbilaa waggoota muraasa keessatti dabaluun, tajaajilamtoota miliyoona 97 oliif tajaajilli kennamaa jiraachuu ibsuun, tajaajila intarneetiis akkasuma dachaan dabaluun lammiileen miliyoona 42 ol akka tajaajilicha argatan taasifamuun ibsameera.

Tajaajilawwan mootummaa 800 ol ta’anis bifa dijitaalaan kennamuu jalqabanii akka jiranis akkasuma ibsameera.

Kana waliin walqabatee, mootummaan Tajaajila dijitaalaa Giddugala tokkoo Masoob

jedhamu hojiirra oolchuun, tajaajilawwan mootummaa hedduu bakka tokkootti walitti fiduun tajaajilamootni bakka tokko ta’anii, osoo baasii hin baasin tajaajila saffisaa akka argatu taasisaniiru.

Sirni kun galmee eenyummaa dijitaalaa, gibiraa, hayyama hojii, invastimantii fi tajaajilawwan biroos walitti hidhee hojiirra oolchuun, yeroo, baasii fi gufuu sirna tajaajilaa hedduu hir’iseera.

Gama biraatiin, dandeetti dargaggootaa ijaaruuf sagantaan “Five Million Ethiopian Coders Initiative” jedhamu wal ta’umsa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), mootummaa Gamtaa Eemireetota Arabaa waliin tahuun hojiirra oolchan dargaggoota hedduu fayyadamoo taasiseera. 

Sagantaa kanaan hanga ammaatti barattoota dabalatee dargaggoota, hojjattoota mootummaafi qaamoleen hawaasaa garaa garaa Miliyoona Lamatti dhiyaatan, gosoota barnootaa ‘AI, Programming Fundamentals, Data Science Analysis fi Android for Developer ‘ jedhamaniin bilisaan onlaayinii leenji’uun waraqaa raga idil addunyaa fudhataniiru, kanneen hafan hedduuf leenji’aa jiru.

Kunis dargaggoonni Itoophiyaa qofa osoo hin taane gabaa hojii dijitaalaa addunyaa irratti akka hirmaatan carraa banaa jira.

Kana hunda walitti qabnee yoo ilaalle, cehumsi dijitaalaa Itoophiyaa gaggeessitoota amma jiraniif qofa osoo hin taane, invastimantii dhaloota egeree irratti taasifamu ta’uu isaa ifatti agarsiisa.

Itti fufuunis tarsiimoon Digital Ethiopia 2030 eegalames, barnoota dijitaalaa babal’isuu, hojii dijitaalaa uumuun carraa hojii miliyoona tokko olii banuu fi qooda diinagdee cehumsi dijitaalaa guddina waliigalaa biyyattii keessatti qabu guddisuu akka galmaatti qabateera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, dhalootni egeree kan waan itti kennan qofa fayyadamu qofa osoo hin taane kan uumu; kan fakkeessu osoo hin taane kan kalaqu; kan hordofu osoo hin taane kan gaggeessu akka ta’u abdii guutuun dubbataniiru.

Dhalootni ammaa hordoftoota AI osoo hin taane, mahaandisummaa fi kalaqa AI ittiin fayyadamuun badhaadhina Itoophiyaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Teekinoolojiin aadaa, duudhaafi safuu uummataan wal simuu akka qabus hubachiisanii jiru.

Teekinoolojiin duudhaa kabaju guddina dhugaa, nama irratti xiyyeeffate fiduu waan danda’uuf, dhalootni itti aanu kabaja, nagaafi namummaa bu’uura godhachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Gara xumuraatti, dargaggoonni jaarraa AI kana keessatti of eeggannoo guddaa qabaachuu akka qaban irra deddeebiin yaadachiisaniiru.

“Rakkoon kun maaliif uumame?” jechuu qofa osoo hin taane, “Akkamiinan rakkoo kana furu danda’a? Hawaasa koo fi biyyaa kootiif maal hojjachuun danda’a?” jechuun of gaafachuun, yaada isaanii gara hojiitti jijjiiruun irraa eegama.

Barreessuu, koodii gochuu, yaada isaanii gara barreeffamaa, suura, sagalee fi qabiyyee dijitaalaatti jijjiiruun, carraa yeroon kun isaaniif kenne fayyadamuun dirqama dhaloota kanaati.

Akkuma Dooktar Abiyyi kitaaba Ida’amuu keessatti ibsanitti, “Dhalootni egeree isaa ilaalee, yeroo isaa dursee of qopheesse, hogganaa dijitaalaa fuulduraa ta’a; kan duubatti hafe ammoo waan kanneen biroo kalaqaniif qofa fayyadama.”

Kanaafuu, jijjiiramni dijitaalaa kan galma fagoo qaban qofa badhaasa, egereen immoo kan dhaloota beekumsa, teekinoolojii fi sirna yeroo isaa dursee ijaaru ta’uu isaa ifatti nuuf mul’isa.

Dhalootni Jaarraa Dijitaalaa hubate, badhaadhina Itoophiyaaf tumsa, Badhaadhina biyya isaas mirkaneessa!

Madda: Miidiyaa garaa garaa fi Kitaabota Ida’amuu irraa

Malkaamuu Abbabaatiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply