AMN PLUS – Mudde 22/2018
”Obsi Garaa” jedhee wallee Shaggooyyeen as ba’e. Sirba “Raaga” jedhuun ammo Oromootu qaba falaa Sokki jalaa jedhee weellise.
Weellisaa Taammiraat Katamaa rifeensa daabee isaan namoonni hedduun beeku. Sirboota 8 hawaasa biraan gaheera.
Rifeensikoo nas beeksisee, nas rakkise jedhe Weellisaa Taammiraat Katamaa turtii AMN PLUS qophii Og Aartii waliin tasiiseen .

Bara 1996 gara dhumaatti magaalaatti akka gale kan kaasu Weellisaa Taammiraat jireenyi natti waan ulfaateef hojii guyyaa hojjedhee meeshaa namaaf baadhee torbanitti qarshii 50 argadha jedhe.
Barnota isaatti cimaa akka ta’e kaasee garuu sababa harka qallinaatiif barnoota adda kutee akka ture dubbateera.
“Itti yaadee wellisaa hin taane, manaa badeen artii gidduutti of arge” jedha.
”Isa Abboonni keenya argaa dhageettiin nutti himan barreessinee olkaa’uu qabna jedhee waanan yaaduuf nan barreessa nan dubbisa Kitaabni dugdakoo keessaa hin dhabamu” jedhe.
Weellisaa Taammiraat Sirba 8 hawaasa biraan akka ga’e dubbatee ammas hojiiwwan hedduu of harkaa akka qabu kaaseera
Aartiin keenya gara lama jira oliif gadi kan jedhe Weellisaa Taammiraat hundi wal qixxaatee guddachuu baatus akka durii miti amma jijjiirama gaariitu jira jedhe.

Artistoonni hojii qulqulluufi Aadaa qulqulluu hawaasa keessatti gadi bu’anii hojjechuu irratti xiyyeeffachuu qabu jedhe.
Aartiin ibsituu biyya tokkoo waan ta’eef deggeramuu akka qabu kaasee,warri maallaqa qaban maallaqqaan warri ogummaa ammoo ogummaan deggeruun murteessaadha jedhe
Biyyoota guddatan Ameerikaafi Afrikaa keessaa Naayijeeriyaan, Hindii fi kanneen biroon Aartiidhaan guddatan kan jedhe Weellisaa Taammiraat wal dhiibuun hafee akkuma biyyoota kaanaa Aartiidhaa biyya jijjiiruun hin danda’ama jedhe.
Raagni abbootiin keenya warri durii fuulduratti waan ta’uuf jiru beekuun himanii dhalootni keessatti kan of ilaalaa deemuudha jedhe dhaloonni amma ammoo beekumsa abboota keenyaa teekinooloojiin fayyadamee aartii uummata keenyaa guddisuu qaba jedheera.
Daraartuu Tarreessaatiin