AMN PLUS – Guraandhala 17/2018
Biiroon Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adawaa Waggaa 130ffaa Sababeeffachuun Mata Duree ‘Bu’aa Adawaa Afaan Aartiin’ Jedhuun Sirnoota Garaagaraan Kabajeera.
Biiroo Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinneetti Hoggantuun Damee Aartii Aadde Lubaabaa Jamaal Waltajjicharratti Ergaa Dabarsaniin Adawaan Injifannoo Gurraachootaarra Darbee Miira Ni Danda’amaas Kan Guddiseedha Jedhaniiru.
Akkuma Injifannoon Adawaa Daangaa Birmadummaa Biyyaa Mirkaneesse Har’as Tokkummaa Uumnee Gamtaan Yoo Hojjenne Bu’aan Isaa Injifannoo Tahus Aadde Lubaabaan Ibsaniiru.
Injifannoon Adawaa Gama Dippiloomaasiinis Barnoota Kenne Qabaachuu Hubachiisuun Agarsiiftuu Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaas Dabalata Jedhaniiru.
Akka Biyyaatti Hojiileen Itoophiyaa Gara Badhaadhina Dinadgeetti Ceesisan Hojjetamaa Jiran Abdii Biyyaa Gara Fuulduraa Tahus Aadde Lubaabaa Jamaal Ibsaniiru.
Saganticharratti Hoggantuu Itti Aantuu Biiroo Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Aadde Lubaabaa Jamaal Dabalatee Goototni Duraaniifi Keessummootni Affeeraman Argamaniiru.
Sirnicha Sababeeffachuun Hojiileen Aartii Injifannoo Adawaa Yaadachiisan Gaggeeffamuun Ibsameera.
Mikaa’el Hiruuyitu Gabaase